Yuunivarsitiin Booranaa Godina Booranaa, Aanaa Eel- Wayyee fi Aanaa Dubuluqi Meeshaalee Barnootaa Kennuun Dhaloota Jajjabeesse!

Share this post on:

Yuunivarsiitii Booranaa | Hagayya 27, 2018

Yuunivarsitiin Booranaa, gahee itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaa cimsuun, qulqullina barnootaa sadarkaa bu’uuraa fooyyeessuu fi dhaloota boruu ijaaruuf, Godina Booranaa, Aanaa Eel- Wayyee fi Aanaa Dubuluqi keessatti manneen barnootaaf deeggarsa meeshaalee barnootaa barbaachisoo ta’an taasiseera.

Deeggarsi kun kutannoo Yuunivarsitiin Booranaa hawaasa naannoo isaa deeggaruu fi guddina barnootaa keessatti gahee isaa bahachuuf qabu kan mul’isuudha.

Kaayyoon deeggarsichaa hanqina meeshaalee barnootaa irraa maddu hir’isuun, barattoonni aanaalee carraa barnootaa fooyya’aa akka argatan, akkasumas barnoota isaanii haala mijataa fi walqixa ta’een akka hordofan gargaara.

Obbo Waariyoo Iddii , Abbaa Adeemsa Inispekshiinii Barnootaa gama isaaniin hojii tajaajila hawaasaa Yuunivarsitiin Booranaa taasisaa jiru dinqisiifachuun, meeshaalee barnootaa deeggaruun, akkasumas sagantaa tutoriyaali mijeessuun egeree barattoota keenyaa irratti dhiibbaa gaarii uumee jira. Tajaajila hawaasaa hiika qabu kanaf galanni keenya guddaadha, jedhanii ibsaniiru.

Obboo Duubaa Diqqaa Hogganaan Waajjira Barnootaa Aanaa Dubuluqi:

” Inisheetiviin tajaajila hawaasaa Yuunivarsiitiin Booranaa taasisaa jiru hojii baay’ee dinqisiifamaa fi guddaa dha; nutis galata guddaa dhiyeessina, ” jedhan.

“Deeggarsi kun barattoota keenyaaf gargaarsa murteessaa kan kennu yoo ta’u, keessattuu barattoonni rakkoolee hanqina keessa jiran deeggarsa meeshaalee barnootaa isaaniif barbaachisu akka argatan mirkaneessa.

Gumaachi kun meeshaalee dhiyeessuu qofa osoo hin taane, barattoota keenyaaf milkaa’ina isaaniif barbaachisu ta’uun dhiyaateera,” jedhaniiru.

Sirni deeggarsaa kunis qindoomina fi tajaajila hawaasaa itti fufiinsa qabu cimsuun, gara fuulduraatti aanolee biroo keessatti hojiiwwan walfakkaatan babal’isuuf kutannoo fi waadaa waliinii mul’isuun xumurameera.

“Dedicated to Resilient Pastoral Future”

Public and International Relations Executive

Share this post on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *