Dhaloota Qubee Jajjabeessuuf: Yuunivarsitiin Booranaa Godina Booranaa Bahaa fi Godina Booranaa Aanaa Waaccillee, Aanaa Dhaas fi Aanaa Dirree Meeshaalee Barnootaa Dabarsee Kenne!

Share this post on:

Yuunivarsiitii Booranaa | Hagayya 28, 2018

Yuunivarsitiin Booranaa tumsa fi deeggarsa hawaasa naannootiif qabu caalaatti cimsuun, sadarkaa barnoota bu’uuraa qulqullinaan fooyyessuuf dhaloota fuulduraa ijaaruu irratti qooda isaa gumaachuuf, Godina Booranaa fi Godina Booranaa Bahaa Aanaa Waaccillee ,Aanaa Dhaas fi Aanaa Dirree keessatti manneen barnootaatiif meeshaalee barnootaa murteessoo ta’an deeggarsa taasiiseera.

Deeggarsi kun Yuunivarsitiin Booranaa hawaasa naannoo isaa utubuu fi guddina sektera barnootaa keessatti qooda fi kutaannoolee qabu kan mirkanneessuudha.

Kaayyoon guddaan deeggarsa kanaas hanqina meeshaalee barnootaa mul’atu salphisuun, barattoonni aanaalee kanaa carraa barnoota fooyya’aa ta’e akka argatan, akkasumas barnoota isaanii haala mijataa fi walqixxummaa qabuun akka hordofan gargaaruudha.

Obbo Shallamaa Tulluu, Hogganaa Waajjira Barnootaa Aanaa Waaccillee gama isaaniin hojii tajaajila hawaasaa Yuunivarsitiin Booranaa taasisaa jiru dinqisiifachuun, Yuunivarsiitii Booranaa sagantaa tajaajila hawaasaa bu’a qabeessa taasisaniif galata guddaa qabna. Deeggarsi meeshaalee barnootaa barbaachisoo kun barattoota keenyaaf deeggarsa murteessaa ta’uun, barattoonni keenya galma barnootaa isaanii akka milkeessan keessatti gahee olaanaa qaba, jedhanii ibsaniiru.

Obbo Boruu Baggajjaa Bakka Bu’aa Waajjira Barnootaa Aanaa Dhaas:

“Meeshaaleen barnootaa Yuunivarsiitii Booranaatiin nuuf dhiyaatan, bara barnootaa 2019 milkaa’inaan akka jalqabnuu fi barattoonni keenya barnoota isaanii haala gaariin akka itti fufan keessatti gahee olaanaa qabu. Deeggarsa yeroo isaa eeggate kanaaf Yuunivarsiitii Booranaaf galata guddaa qabna. Gumaachi kun kallattiin barattoota keenya humneessuun, bara barnootaa dhufuuf qophii gahaa akka taasisan gargaara,”
jedhan.

Obbo Waaqoo Diidaa, Hogganaa Waajjira Barnootaa Aanaa Dirree:

“Yuunivarsitiin Booranaa sagantaalee tajaajila hawaasaa adda addaatiin kutaa hawaasaa isaa cinaa dhaabbachuun gahee isaa bahachaa jira. Yuunivarsiitichi kanaan dura sagantaa tutoriyaali barattootaa manneen barnootaa aanaa keenyaa keessatti gaggeessuun deeggarsa taasisaa ture. Har’as deebi’uun meeshaalee barnootaa nuuf gumaachuun, kutaa hawaasaa tajaajiluuf kutannoo qabu irra deebiin mirkaneesseera. Tumsa fi deeggarsa itti fufiinsa qabu kanaaf Yuunivarsiitii Booranaaf galata guddaa qabna,” jedhaniiru.

Sirni deeggarsaa kunis qindoomina fi tajaajila hawaasaa itti fufiinsa qabu cimsuun, gara fuulduraatti aanolee biroo keessatti hojiiwwan walfakkaatan babal’isuuf kutannoo fi waadaa waliinii mul’isuun xumurameera.

“Dedicated to Resilient Pastoral Future”

Public and International Relations Executive

Share this post on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *