Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti‎Yuunivarsiitii Booranaatiin deeggarsa namoomaa taasisaniiru

Share this post on:


‎Yuunivarsiitii Booranaa, Guraandhala 13,2018
‎
‎Yuunivarsiitiin Booranaa tajaajila hawaasaa fi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuuf kutannoo qabu miseensota hawaasaa naannoo deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa gochuun irra deebi’ee mirkaneesseera.
‎
‎Tarkaanfii kanaan Yuunivarsiitichi dubartoota deeggarsa barbaadan gargaarsa kenneera. Isaan keessaa dubartoonni qaama miidhamoo fi dubartoota galii gadi aanaa qabanidha. Dubartoonni kun nyaata bu’uuraa, keessattuu tokkoon tokkoon isaaniitiif daakuu boqqoolloo kg 25 fi zayita nyaataa liitira 5’n deeggarsaan kan kennameef yoo ta’u, kunis wabii nyaata maatii isaanii fooyyessuu fi qormaata jireenya guyyaa guyyaa isaanii salphisuuf gargaara.
‎
‎Itti dabaluun, Yuunivarsiitichi barattoota Mana Barumsaa Qaxalee Liiban Waataa daakuu boqqoolloo kg 25 kudhani jaha fi zayita nyaataa liitira 80 deeggarsa godheera. Deeggarsi kun fayyummaa barattootaa fooyyessuu, soorata gaarii akka argatan gochuu fi naannoo barumsaa mijataa ta’e uumuuf kan kaayyeffatameedha.
‎
‎Tarkaanfiiwwan akkanaatiin, Yuunivarsiitiin Booranaa gareewwan deeggarsa barbaadan deeggaruu fi hariiroo hawaasa naannoo waliin qabu cimsuuf kutannoo qabu agarsiisaa jira.
‎
‎Daayirektarii Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitichaa, Dr. Galgaloo Diqqaa akka jedhannitti: “Yuunivarsiitiin Booranaa mooraa barumsaa qofa osoo hin taane, utubaa hawaasa keenyaati. Hojiin deeggarsaa har’a hojjetame kun hariiroo cimaa nuufi ummata keenya gidduu jiru kan agarsiisuudha. Waliin hojjechuun jijjiirama dhugaa fida.”
‎
‎Miseensa hawaasa deeggarsa argatee haala deeggarsa argate kana ilaalchisee, tokkoon tokkoon dubartoota fi barattoota deeggarsa argatan keessaa, akka jedhannitti. Deeggarsi Yuunivarsiitiin Booranaa nuu godhe kun yeroo rakkisaa kana keessattii baay’ee akka isaan gargaruu danda’uu dubbataniiru. Daakuun boqqoolloofi zayitiin kun jireenya maatii keenyaa nuuf salphiseera.
‎
‎Dhuma irraattis;”Addee Maariyaan Huqqaa Geedoo I/Gaafatamtuu Federeshiinii Godina Booranaa deeggarsa namoomaa hawaasa dubartootaaf Yuunivarsiitiin Booranaa taasiseef galata guddaa dhiyeessuun Yuunivarsiitiin Booranaa mooraa barumsaa qofa osoo hin taane, utubaa hawaasa Godina Booranaa ta’uu isaa irra deebi’anii himuun deggarsa hawaasa taasifame sababeeffachuun waraqaa ragaa Yuunivarsiitii Booranaatif kenneera.
‎
‎”Rooted Education, Research and Engagements for Excellence!”

Public and International Relations Executive

Share this post on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *