Yuunivarsiitiin Booranaa Leenjii Dandeettii Gabbisuu Ogeessota Misoomaa 150f Marsaa Tokkoffaa Eegalchiise!

Share this post on:

‎Yuunivarsiitii Booranaa
‎Guraandhala 23, 2026
‎
‎Yuunivarsiitiin Booranaa har’a ogeessota misoomaa 150f leenjii dandeettii gabbisuu yeroo gabaabaa marsaa tokkoffaa ifatti eegalchiiseera. Leenjiin kun Waajjira Qonnaa Godina Booranaa waliin qindoomuun kan qophaa’e yoo ta’u, kaayyoon isaa tajaajila ekisteenshinii qonnaa fi loonii Godina Booraana keessatti kennamu caalaatti fooyyessuudha.
‎
‎Sagantichi haasaa simannaa Daayirektara Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsiitichaa, Dr. Galgaloo Diqqaa Godaanaatiin baname. Dr. Galgaloon hirmaattotaaf ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun, qabiyyee fi kaayyoo leenjichaa bal’inaan ibsaniiru.
‎
‎Itti Aanaan Pirezidaantii Dhimmoota Bulchiinsaa fi Misoomaa, Dr. Kulaa Jiloo, ogeessota misoomaa shoora murteessaa isaan qaban yeroo ibsan: “Isin riqicha beekumsa saayinsii, qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa keenya walitti qabsiisudha. Yuunivarsiitiin keenya beekumsa asitti argattan gara dirree hojiitti jijjiiruun, jireenya hawaasa keenyaa keessatti jijjiirama qabatamaa akka fidu abdiin qaba,” jedhaniiru.
‎
‎Gama qonnaatiin, Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Booranaa, Obbo Jallaa Dullachaa, barbaachisummaa teeknikaa leenjichaa irratti xiyyeeffataniiru. “Leenjiin kun beekumsa saayinsii ammayyaa gara horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa keenyaatti ceessisuuf karra guddaadha. Ogeessota keenya dandeettii teeknikaan gahoomsuun Godina keenya keessatti wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaadha,” jedhan.
‎
‎Dabalataan, Bulchaa Olaanaan Godina Booranaa, Kabajamoo Obbo Abdusalaam Waariyoo, kallattii tarsiimoo leenjichaa ilaalchisee yaada qoodaniiru: “Leenjiin kun guddina Godina keenyaaf murteessaadha. Hariiroon Yuunivarsiitii Booranaa waliin qabnu guddinni saayinsii ummata keenya bira akka gahuuf barbaachisaadha. Ogeessonni keenya carraa kanatti fayyadamuun jijjiirama dhugaa akka fidan irraa eegna.”
‎
‎Kabajammoo Abdusalaam Yuunivarsiitii Booranaatiif galata onneerraa madde dhiyeessaniiru. Qophii leenjichaa irraa eegalee hanga raawwiitti hoggansi Yuunivarsiitichaa kutannoo addaa agarsiiseef dinqisiifataniiru. Yuunivarsiitichas “Riqicha beekumsaa fi misoomaa” jechuun qindoomina kanaan boonuun isaanii ibsaniiru.

‎Guyyaa leenjii jalqabaa, Ittigaafataman Muummee Kutaa Misooma Baadiyyaa fi Eksteenshinii Qonnaa kan ta’an Obbo Galgalo Orkaidoo, ogeessota misoomaaf dhimmoota Ijoo Qajeeltoowwan Eksteenshinii Qonnaa, Komunikeeshinii Eksteenshinii, Sirna Guddifannaa Kalaqaa fi Mala Hirmaannaa irratti leenjii kenneera.

‎Hirmaattonni leenjichaa dammaqinaa fi fedhii guddaan hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, guyyaan jalqabaa leenjichaa milkiin xumuramee jira.

‎”Rooted Education, Research and Engagements for Excellence!”

Public and International Relations Executive

Share this post on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *